Fana: At a Speed of Life!

Gurgurtaan aksiyoona Baankii Amaaraa har’a ifatti eegalame

0 156

Finfinnee, Hagayya 11,2011 (FBC) – Gurgurtaan aksiyoona Baankii Amaaraa har’a Hoteela Sharaatanitti ifatti eegalame.

Walitti qabaan koree hundeessituu baankichaa obbo Malaakuu Fantaan, hundaa’uun baankichaa misooma naannoo fi biyyaatif gumaacha mataasaa ni taasisa jedhaniiru.

Sanadoonnii fi imaammanni hundeeffamaa qophaa’uus sirna gurgurtaa aksiyoonichaarratti ibsameera.

Sadarkaa itti aanaa preezdaantii naannoo Amaaraatti hogganaan Biiroo Indaastirii fi Invastimantii obbo Malaakuu Aallabal gama isaanitiin, qaawwa damichaan jiru guutuuf baankiin haaraa hundaa’e qooda ni qabaata jedhan.

Namni tokko carraan bituu danda’u 10 yoo ta’u, olaanaan ammoo kuma 100 jedhameera.

Comments
Loading...