Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti manneen barnootaa mootummaa 113 Afaan Oromootin ni barsiisu

0 276

Finfinnee, Hagayya 11,2011 (FBC) – Finfinneetti manneen barnootaa mootummaa 113 keessatti barnootni Afaan Oromootiin kan kennamu ta’uu Biiroon Barnootaa magaalichaa beeksise.

Kutaalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee hundumaa keessatti manneen barnootaa mootummaa 488 ta’an keessaa 113 keessatti barnootni Afaan Oromootin kan kennamu ta’uusaa Biiroon Barnoota Finfinnee Gaazexaa Bariisaatti himeera.

Amma ammaattis barattoonni kumni 32 fi 970 galmaa’uu itti aanaan hogganaa biirichaa obbo Zalaalam Mulaatuu himaniiru.

Galmeen barattootaa Adoolessa 15,2011 eegalee gaggeeffamaa tureera.

Qacarriin barsiisotaas waggoota lamaan durarraa kaasee haaluma karoorfameen deemaa jiraachuusaa himaniiru.

Kan bara darbee malee barana qofa barsiisota kuma 1 fi 600 mindeessuuf calalliin raawwateeraa jedhan.

Bara darbe Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin barnootni manneen barnootaa 27 keessatti kennamaa tureera.

Comments
Loading...