Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon qabiinsa balfaa fi hanqina konkolaataa madda anniisaarratti gufuu ta’eera

0 95

Finfinnee, Hagayya 10,2011 (FBC) – Rakkoon qabiinsa balfaa fi hanqina konkolaataa ammayyaa Madda Anniisaa Balfaa Raphiirratti gufuu ta’eera jedhe Humni Elektiriikaa Ityoophiyaa.

Hoggansi Humna Elektiriikaa Ityoophiyaa, Madda Anniisaa Balfa Raphii, bulchiinsa magaalaa Finfinnee, Mana Maree Finfinnee fi hoggansi kutaalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee madda anniisichaa daawwataniiru.

Eebila 2011 hojii madda anniisaatti kan gale Raphiin, amma Adoolessa darbeetti elektiriika meeggaa waatii 54,770 maddisiisuuf balfa toonii kuma dhibba 1 fi kuma 62 ol fayyadameera.

Waldaalee addaddaarraa balfa bituun hojjechaa kan jiru yammuu ta’u, dhoqqee fi sibiilli gara maddichaatti galaa jiraachun oomisharratti gufuu ta’uun ibsameera.

Balfi yeroo maraa dhiyaachaa jiraachuu dhabuu fi hanqinni konkolaattota ammayyaa mudachuun akka gufuutti ilaallameera.

Konkolaattonni ammayyaa 2 sa’aa 24 hojjechaa jiraachun rakkoodhas jedhameera.

Tigist Abrahaamtu gabaase.

Comments
Loading...