Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Ameerikaa dubartii mana cidhaarra deemuun kenna hatteeti jedhamte barbaada jira

0 149

Finfinnee, Hagayya 10,2011 (FBC) – Poolisiin Ameerikaa dubartii Kibba Teeksaasitti mana cidhaarra deemuun kennaawwaan heddu hatteeti jedhamte barbaadaan jira jedhe.

Dubartiin eenyummaan ishii kan hin beekamnee kun ji’a Sadaasa darbee eegalee yoo xiqqaate cidha afur irratti otuun hin yaamamiin kennaa misirrootaaf kenname saamteetti.

Poolisiin nama bakka dubartiin kun jirtu eeruu kennef doolara kuma 4 badhaasa nan kenna jedheera.

Poolisiin barbaacha dubartii kanaa cimsee kan itti fufe yoo ta’u, suura dubartii kana bakka garaa gaaraatti facaaseera.

Ibsa buufanni Poolisii naannoo Koomaal baasee “ dubartii otuu hin yaamamiin deemte gammachuu namoota booressitu kana seeratti dhiyeessu qabna” jechuun waamicha dhiyeesseera.

Hoogganaan dhaabbata tokkoo naannichatti cidha malee sagantaa garaa garaa qopheessu suura dubartii kana erga ilaalee akka beeku himeera.

Misirroonni haaraan dubartii kanaan saamamneera jedhan dubartii kun maallaqa doolaraa dhibbaan lakkaawwamuu fi kennaawwaan garagaraa doolaraa sharafamu hedduu akka jalaa saamte himaniiru.

Waan isaan mudateetti hedduu kan gaddite Filooris “ jaalala keenya garuu hatuu hin dandeessu” jechuun poolisiin dubartii kana argatee qabee seeratti akka dhiyeessu abdiin qaba jetteetti.

maddi :- BBC

Comments
Loading...