Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa misaa’eloota lama gara Bahaa qarqara galaanaatti furguggiste

0 263

Finfinnee, Hagayya 10,2011 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa misaa’eloota lama gara Bahaa qarqara galaanaatti furguggiste

Kooriiyaan Kaabaa gara Bahaa qarqara galaanaa bakka galaanaa Jaappaan jedhamutti har’a ganama miisaa’eelota lama furguggisisusheetu himame.

Miisaa’eloonni har’a Kooriyaa Kaabaa Furguggiste kun torbaan sadi keessatti isa ja’affadha jedhame.

Gochi misaa’eela furguggisisuu leenjii waraanaa waloo Kooriyaan Kibbaa fi Ameerikaan eegalaniif ajaja preezidaant Kiim Joong Uuniin kan kennamee akeekkachiisa cimaadha jedhameera.

Akka ibsa anga’ootni  waraanaa Kooriyaa Kibbaa kennanitti misaa’eloonni kunneen bulchiinsa Kaangiwaan kan taate dhiyeenya magaalaa Tongichoon kan furgiggifaman ta’uu himaniiru.

Maddi:- Aljaziiraa

 

Comments
Loading...