Fana: At a Speed of Life!

Hojjattoonni Feesbuukii haasaawwan sagalee Messengeriin ergaman dhaggeefatan

0 181

Finfinnee, Hagayya 10,2011 (FBC) – Hojjattoonni Feesbuukii haasaawwan sagalee Messengeriin ergaman dhaggeefatan

Hojjettoonni dhibbaan lakkaa’aman sagalee fayyadamtootaa warraabame Feesbuukiin akka hiikaniif kanfalamaafi tureera.

Feesbuukiin gocha qaama sadaffaatti fayyadamuu kana dhaabbileen akka Googilii, Appilii, Maakiroosooft  fi Amaazoon kanaan dura hojii walfakkaatuun himatamaa turan hordofuun jedhame.

Feesbuukiin garuu, ergaawwan sagalee kunneenis harkaan kan hiikaman yoo ta’u, akka sirna hiikaa haasawaa battalumaatti (automatically) fooyyeessuuf sirna nam-tolchee akka fayyadamamuuf jedheera.

Abbaan Taayitaa Hogganaa Feesbuukii kan ta’e Komishinara eegumsa daataa Erlaand waa’ee adeemsa ammaa gaaffiin irratti ka’ee kanatti Feesbuukii irraa odeeffannoo gadi fageenyaa gaafanna jedhaniiru.

Jalqaba baatii kanaattis Appilii fi Googiliin adeemsa hojjattoonni akka warraabbiiwwan sagalee fayyadamtootaa dhaggeeffachuun akka hiikan taasisuu dhaabusaanii himaniiru.

maddi:- BBC

 

 

Comments
Loading...