Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa bu’aa Birrii biiliyoona 17.9 argachuusaa beeksise

0 188
Finfinnee, Hagayya 10,2011 (FBC) –Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa bara baajatichaatti bu’aa Birrii biiliyoona 17.9 argachuusaa beeksise.
 
Baankichi raawwii hojii bara baajataa 2018/19 galma Gamtaa Afrikaatti gamaaggamaa jira.
 
Qabeenyi waliigalaa baankichaa Birrii biiliyoona dhibba 7 fi biiliyoona 12 ga’eera.
 
Bara baajataa darbettis Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa Birrii biiliyoona 17.9 buufateera jedhameera.
 
Qaqqabamasaa babal’isuufis bara baajatichaatti dameewwan 157 baneera.
 
Sharafa alaa Doolaara biiliyoona 6.3 kan sassaabe yammuu ta’u, kunis karoorasaarraa %96 jedhameera.
Comments
Loading...