Fana: At a Speed of Life!

Oomishti Gabaa Ityoophiyaa Moozaambiikii fi Maalaawiif muuxannoo fi beekumsa qoode

0 128
Finfinnee, Hagayya 9,2011(FBC) – Oomishti Gabaa Ityoophiyaa Moozaambiikii fi Maalaawiif muuxannoo fi beekumsa qoode.
 
Hoggansi Gabaa Oomisha Moozaambiikii fi To’ataan Oomisha Gabaa Maalaawii gara Oomisha Gabaa Ityoophiyaa dhufuun muuxannoo qooddataniiru.
 
Hoggansi kanneen Hagayya 7-9,2011tti turmaata taasisaniin, seera kabachiisuu, hojii mankuusaa, qulqullinaa fi gabaa, walharkaa fuudhinsa oomishaa fi tamsa’ina odeeffannoo gabaarratti muuxannoo qooddataniiru.
 
Oomishti Gabaa Ityoophiyaa waggoottan 11n darbanitti damichaan muuxannoo bal’aa horateera.
 
Akkaadaamii leenjii dhiyeenya hundaa’unis biyyoota Afrikaa addaddaaf leenjii kan laatu ta’a.
 
Moozaambiik, Gaanaa, Taanzaaniyaa, Ruwaandaa fi biyyoota Afrikaa kaanif muuxannoo kanaan dura qooden dhaabbata oomisha gabaa ofii akka hundeeffatan gargaarera.
Comments
Loading...