Fana: At a Speed of Life!

Hogganaan tajaajila tikaa Sudaan duraanii Saalaah Gosh Ameerika akka hin galle dhorkaman

0 156

Finfinnee, Hagayya 9,2011 (FBC) -Hogganaan tajaajila tikaa Sudaan duraanii Saalaah Gosh sababii himannaa mirga namoomaa sarbuu irratti dhiyaateef jecha akka Ameerikaa hin gallee dhorkaman.

Ibsa Haajaan biyyoota alaa Motummaa US baasee ,Saalaah Gosh tibba itti gaafatamaa Tajaajilawwan Nageenyaa fi Tika Biyyaaleessaa (NISS) Sudaan turaniitti darara mirga namoomaa keessatti hirmaachusaaniif ragaa qabatamaa qabna jedha.

Barreessaan Haajaa Alaa Ameerikaa, Maayik Pompe’o Ergaa karaa tiwiitaraan  barreessaniin motummaa ce’uumsaa Sudaan siviiliin hogganamuu deeggarsa isaanii ibsaniiru.

Ergaa barreessaniinis, har’a Salaah Gosh fi miseensoota maatii isaa haaluma seera kutaa 7031 (c) tti sababii hirmannaa inni Sudaan keessatti mirgoota namoomaa sarbuu, keessatti taasiseef ifattan morma jedhan.

Isaanis US galuu hin danda’an. Kanneen mirga namoomaa sarban hunda itti gaafatamtoota taasisuu itti fufna jedhaniiru.

Maddi: BBC

 

Comments
Loading...