Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon nageenyaa Matakkalii fi Awwiitti mudatee ture tasgabbaa’aa jira

0 113
Finfinnee, Hagayya 8,2011 (FBC) – Rakkoon nageenyaa naannoo Beenishaanguul Guumz godina Matakkalii fi godina ollaa isaa Awwiitti mudatee ture tasgabbaa’uu koomaand poostiin godinaalee lamaanii beeksise.
 
Tasgabbiin bu’aa jiraachuu isaatin lammiileen qayee fi qabeenya isaanitirraa buqqa’anii turan gara qayee isaaniitti akka deebi’an hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
 
Koomaand poostiin rakkoolee mudatee ture tasgabbeessuuf baatii tokko dura hundaa’e, raawwii hojiisaa magaalaa Balasaatti gamaaggameera.
 
Hojichaan olaantummaan seeraa akka mirkanaa’uu fi lammiileen buqqa’an gara qayee isaaniitti akka deebi’an hojjetamuun gamaaggamameera.
 
Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Beenishaanguul Guumzii fi walitti qabaan koomaand poostichaa obbo Abarraa Baayyataan akka aanaalee muraasa rakkoon itti mudatetti shakkamtoota seeratti dhiyeessuurratti qaawwi jiraatus irratti xiyyeeffachuudhan hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.
 
Waltajjicharratti walitti qabdoonni koomaand poostii aanaalee, hoggansi aanaa fi godinaa akkasumas caasaan nageenyaa hundi hirmaachuusaa Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii naannichaa beeksiseera.
Comments
Loading...