Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaa naannoo dho’insi rookkeetti uumametti hammi carallaa harka 16 olka’e

0 229

Finfinnee, Hagayya 8,2011 (FBC) – Raashiyaatti du’aati nama shaniif sababa kan ture dho’insi rookketti,  naannichatti hammi carallaa kan duriirra harka 16 akka olkaase ibsameera.

Ejeensiin Niwuukilaara Raashiyaa erga dho’insi rookkeetti mudatee booda magalaa Severoodviisk hamma carallaa naanniicha safareera.

Namoonni kuma 180 keessa kan jiraataan magaalaan Severoodviisk hammi carallaa kan duriira harka afuurii hanga 16 caalma qabaachuun dubbatameera.

Hammi kun ammo sadarkaa balaa cimaa jala ta’uun kan himamuuf, nama irratti miidhaa salphaa geessisuu akka akka danda’u ogeessoonni Niwuukilaara beeksisaaniiru.

Dho’insiichi erga uummamee hammi carallaa kan duriira olka’ee akka ture ibsuun tuurtiidhaan boodde garuu gara sadarkaa duraan irra tureetti akka deebi’e anga’oonni magaalaa Severoodviisk eeraniiru.

Maddi:- BBC

 

Comments
Loading...