Fana: At a Speed of Life!

Midiyaan hawaasaa yeroo hirriba daa’immani irratti dhiiba uumaa jiraachu himame

0 211

Finfinnee, Hagayya 8,2011 (FBC) – Daa’imman midiyaa hawaasaa fayyadaman yeroo qo’annaa, hirribaa fi akkasumaas fayyaaf barbaachiisaa kan ta’e yeroo sochii qaamaa ispoortii taasisaan jala akka miidha jiru qorannoon ifoomse.

 

Qorattoonni Ingilizii daa’imman sa’aati 4 boodde bilbila akka hin fayydamne taasisuun bakka isaa sochii qaamaa akka taasisaan deeggaruun barbaachiisadha jedhaniiru.

 

Keesumattu ijoolleen shamarranii sababa midiyaa hawaasaan balaa saaybeerif kan saaxilaman ta’u qorannichi ni addeessa.

 

Ingilizitti dargaggoota kudhan keessa sagal fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa ta’uu isaanirraa ka’uun balaan fayyaa isaanirra ga’u danda’u sadarkaa yaaddessa irra ga’uusaa qoranichi ibseera.

 

Qoranichi waggoota sadii kan itti fudhate mana barnoota Ingilizii barattoota umuriin isaanii 13 hanga 16 jiraan kuma 12 gaaffif deebii taasisuun odeeffannoo akka walitti qabate BBC’tu gabaase.

 

Comments
Loading...