Fana: At a Speed of Life!

Jila Ityoophiyaa tapha guutuu Afrikaa 12ffaarratti hirmaatuf gaggeessaan taasifame

0 282

Finfinnee, Hagayya 8,2011 (FBC) – Tapha guutuu Afrikaa 12ffaarratti hirmaachuuf jila Ityoophiyaa gara Moorookoo qajeeluf gaggeessaan taasifame.

Sirna gaggeessichaarrattis koomiishinarri Koomiishinii Koomiishinii Ispoortii FDRI obbo Ristuu Yirdaaw, preezdaantiin Koree Olompiika Ityoophiyaa Dooktar Ashabbir Waldagoorgiisii fi preezdaantiin Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Koloneel Daraartuu Tulluun argamaniiru.

Jilli Ityoophiyaa naamusa, ga’umsaaa fi qabxiidhan adda duree ta’uudhan alaabaa Ityoophiyaa akka mirmirsu dhaamameera.

Ityoophiyaan tapha guutuu Afrikaa akka Faranjootaa Hagayya 19 amma 31,2019tti Moorookoo Raabaatitti gaggeeffamurratti gosoota ispoortii 13n ni hirmaatti

Comments
Loading...