Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan diinagdee diijiitaalaarratti xiyyeeffachuun hojjechaa jirti – Dooktar Injiinar Geetaahuun

0 181
Finfinnee, Hagayya 8,2011 (FBC) – Ityoophiyaan diinagdee diijiitaalaarratti xiyyeeffachuudhan hojjechaa jiraachuu ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaan beeksisan.
 
Jilli Ityoophiyaa ministirichaan duurfamu waltajjii qorannoo diinagdee Chaayinaadhan qophaa’erratti hirmaatera.
 
Turmaata isaanitiinis hundeessaa fi abbaa qabeenyaa Garee Aliibaabaa; Jaak Maa waliin mari’ataniiru.
 
Aliibaabaan sochii Ityoophiyaan diinagdeeshee diijjiitaalaayiz gochuuf hojjetturratti akka tumsu ministirichi gaafataniiru.
 
Aliibaabaan muuxannoosaa Ityoophiyaaf qooduuf qophii ta’uu beeksiseera.
 
Ministirichi gama isaatin Ityoophiyaan ijaarsa diinagdee diijiitaalaaf xiyyeeffannaa laattee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Comments
Loading...