Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi federaalaa fi naannoo Amaaraa godina Goondar Kibbaatti naannolee balaan lolaa itti mudate daawwatan

0 187

Finfinnee, Hagayya 8,2011 (FBC) – Hoggansi federaalaa fi naannoo Amaaraa godina Goondar Kibbaatti naannolee balaan lolaa itti mudate daawwatan.

Daawwichaan preezdaantii naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah dabalatee ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan argamaniiru.

Kibba Goondar aanaa Foogaraa fi Liiboo Kamkamitti balaa lolaa mudateen miidhaan qaqqabuu Maas Miidiyaan Naannoo Amaaraa gabaasera.

Balaan lolaa mudate hidha Ribiin kan walqabatu akka hin taane ministeerichi beeksiseera.

Comments
Loading...