Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen namoota kuma dhibba 2 fi kuma 50 oliif carraa hojii uumuufi

0 237

Finfinnee, Hagayya 8,2011 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara baajataa 2012tti lammiilee kuma dhibba 2 fi kuma 50 oliif carraa hojii uumuuf karoorsuusaa beeksise.

Bulchiinsi magaalichaa yaa’ii karoora carraa hojii uumuu 2012 gaggeessaa jira.

Carraa hojii uumuu kanaan dargaggoonni, dubartoonnii fi qaamoleen hawaasaa fayyadamoo kan ta’an ta’uu beeksiseera.

Bulchiinsi magaalichaa bara baajataa 2011tti namoota kuma dhibba 1 fi kuma 63 oliif carraa hojii uumera.

Bara baajataa 2012 keessa namoota kuma dhibba 2 fi kuma 50 oliif carraa hojii uumuuf karoorsuusaa bulchiinsi magaalichaa beeksiseera.

Bara baajatichaatti yoo xiqqaate namoonni kuma 500 ta’an carraa hojii kan barbaadan ta’uun yaa’ichaan ibsameera.

Comments
Loading...