Fana: At a Speed of Life!

Dajanitti balaa konkolaataa mudateen namoonni miidhaman

0 292
Finfinnee, Hagayya 8,2011 (FBC) – Naannoo Amaaraa godina Goojjaam bahaa aanaa Dajan ganda Zamatinitti balaa konkolaataa kaleessa naannoo sa’aa 6tti mudateen namoonni miidhaman.
 
Balichi konkolaataan geejiba ummataa lakkoofsi gabateesaa 82279 ta’e konkolaataa fee’umsa meeshaa walharkisuun walitti bu’ee kan uumamedha.
 
Balaa mudateen waliigalaan namoonni 39 miidhamaniiru.
 
Kana keessaa 11 miidhaa cimaa, 26 salphaa, 2 ammoo du’a.
 
Konkolaachisaan geejiba ummataa battala balichi mudatetti lubbuun isaa yoo darbu, 26n salphaa miidhaman deeggarsa yaalaa argataniiru.
 
Miidhamtoota balaa cimaa keessaa 1 gara Finfinneetti riifariidhan yoo ergamu, kan hafan gara Hoospitaala Dabra Maarqoos ergamaniiru.
 
Sababiin balichaa ariitii fi of eeggannoo dhabuurraa kan ka’e akka ta’e waajjirri koominikeeshinii aanichaa beeksiseera.
Comments
Loading...