Fana: At a Speed of Life!

Buufanni Xiyyaara Hoong Koong hojii idilee isaatti deebi’e

0 164

Finfinnee, Hagayya 8,2011 (FBC) – Buufanni Xiyyaara Hoong Koong sababa mormiin guyyoota lamaaf cufamee kan ture gara hojii idilee isaatti deebi’eera.

Bulchiinsa Hoong Koong Chaayinaan gidduu galuu hin qabdu kan jedhuu fi Poolisiin namoota moormiif ba’aan irratti ejjeenno humna fudhachaa jira kan jedhuun mormii torbee tokkoof itti fufeera.

Wiixataa fi kibxata darbe buufanni Xiyyaara Hoong Koong naannoo hiriirii mormii itti taasifama ture waan ta’eef guyyoota kana lamaan tajaajjila kennaa hin ture.

Poolisiin kaleessa galgala namoota naannoo buufata Xiyyaaraatti hiriira ba’an kana baasuu, guyyaa har’aa buufaanni Xiyyaaraa kun gara hojiitti galeera.

Gochi wal fakkaataan akka hin raawwwatneef poolisiin namoota hiriira ba’aan irratti ejjeennoo fudhachuuf mana murtii irraa waraqaa ajaaja akka argate beeksiiseera.

Bulchiinsa Chaayinaa jala kan taate Hoong Koong guyyoota 10f hiiriira hormii keessuummeessu irratti argamati.

Maddi:- Aljaziiraa

Comments
Loading...