Fana: At a Speed of Life!

Weerara chikuun guuniyaa Dirree Dawaatti mudate ittisuuf hojjechaa jirra-Dr Fu’aad

0 149
Finfinnee, Hagayya 7,2011 (FBC) – Weerara dhibee chikuun guuniyaa magaalaa Dirree Dawaatti mudate ittisuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Fayyaa magaalichaa beeksise.
 
Hogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Dirree Dawaa Dooktar Fu’aad Kadir ibsa har’a laataniin akka beeksisanitti, amma ammaatti mallattoon dhibichaa namoota 3,756 irratti muul’ateera.
 
Yaata’uutii dhibichi, dhibee busaadhan kan walfakkaatu ta’uu isaatin, namoonni dhibichaan qabamuu guutummaan adda hin baasne jedhaniiru.
 
Qorannoo samuudaa 10 keessaa kan 4 chikuun guuniyaa ta’uun garuu mirkanaa’era jedhaniiru.
 
Amma ammaatti garuu dhibichaan namni lubbuu dhabe hin jiru.
 
Chikuun guuniyaan bookee eedas jedhamtuun kan daddarbu ta’uu Dooktar Fu’aad ibsaniiru.
 
Dhibichi kanaan dura naannoo Somaalee, Afaarii fi Kibbatti mudateet ture.
 
Weerarichi Dirree Dawaa kan seenes bookedhaan yookin namni dhibichaan qabame magaalicha galuun ta’uu akka malu eeraniiru.
 
Mallattoon dhibichaa; ho’a qaamaa fi dhukkubbii naannoo buusaa qaamaati.
 
Namni mallattoon akkanaa itti dhaga’ame gara mana yaalaa akka deemus akeekaniiru.
 
Weeraricha ittisuuf saaphanni siree 179,000 ol magaalaa fi baadiyyaa naannoo magaalichaatti raabsameera.
 
Bookittii ofirraa ittisuuf hawaasni dibata akka fayyadamu, qulqullina naannoo akka eeggatu, yeroo hirriibaa saaphana siree akka fayyadamu hogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Dirree Dawaa Dooktar Fu’aad Kadir dhaamaniiru.
 
Mallasaa Mitikkuutu gabaase.
Comments
Loading...