Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan oomisha meeshaalee waraanaa haaraa cimsitee akka itti fuftu beeksiifte

0 133

Finfinnee, Hagayya 7,2011 (FBC) – Raashiyaan oomisha meeshaalee waraanaa haaraa cimsitee akka itti fuftu beeksiifteetti.

Torbee dabarsinee qorattootni niwuukilaara Raashiyaa shan yaalii meeshaa waraanaa irratti dho’insa mudateen lubbuun isaanii darbuun ni yaaddatama.

Kanaan walqabatee Ejeensiin Niwuukilaara Raashiyaa qorattoota shanaan kanaaf magaalaa Saaroovitti sirna yaadannoo fi ibsa gaddaa adeemsiisaniiru.

Daayrekteerri Ejeensichaa Aleeksi Likaacheev saganticha irratti haasaa taasisaniin, qorattoonni shan balaa tasaa mudateen lubbuun darbaan kunneen damee Niwuukilaara biyyattif ga’ee cimaa warra ba’anidha jedhan.

Kaayyoo qorattoonni kun eegalaan galmaan ga’uuf Raashiyaan meeshaalee waraanaa haaraa oomishuu cimsitee akka itti fuftu beeksiisaniiru.

Maddi:- Preestv

Comments
Loading...