Fana: At a Speed of Life!

Qulqullina barnootaa naannoo Amaaraa fooyyessuuf qooda fudhattoonni tumsuu qabu jedhame

0 122

Finfinnee, Hagayya 7,2011 (FBC) -Qulqullina barnootaa naannoo Amaaraa fooyyessuuf qooda fudhattoonni marti tumsuu akka qaban preezdaantiin mootummaa naannichaa obbo Tamasgeen Xiruunah yaadachiisan.

Biiroon Barnootaa naannoo Amaaraa bara barnootaa 2012f magaalaa Baahir Daaritti sosochii barnootaa gaggeessaa jira.

Preezdaantiin naannichaa obbo Tamasgeen Xiruunah barnoonni furtuu waamaraa ta’uu ibsaniiru.

Sosochii barnootaa kanas carraa hojii uumuu, nageenya, bulchiinsa gaarii fi dameewwan biroo waliin qindeessuun irratti hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Bara barnootaa 2011tti da’oowwan daree barnootaa naannichaa 481 ol keessaa 408 irratti hojiin fooyyessaa hojjetamuun eerameera.

Da’oowwan barnootaa hafanis bara barnootaa 2012tti kan fooyya’an ta’a jedhameera.

Barnoota naannichaa fooyyessuuf Birrii biiliyoona 21.1 sassaabuuf karoorfameera.

Naatnaa’eel Xigaabuutu gabaase.

Comments
Loading...