Fana: At a Speed of Life!

Qabxiin qormaata kutaa 12ffaa ifoome

0 9,230

Finfinnee, Hagayya 7,2011 (FBC) – Firiin qormaata seennii dhaabbilee barnoota olaanoo(kutaa 12ffaa) har’a sa’aa 11:30 irraa eegalee ifoome.

Eejansiin Madaallii Barnootaa fi Qormaata Biyyoolessaa har’a waaree booda akka beeksisetti, qormaatamtoonni qabxii qormaata isaanii karaa ergaa gabaabaa 8181, akkasumas marsariitii eejansichaa app.neaea.gov.et seenuun saanduqa Admission jedhu keessatti lakkoofsa galmee(Registration Number) galchuun, go kan jedhu cuqaasudhaan laallachuu ni danda’u jedheera.

Qormaata kutaa 12ffaa Waxabajjii 6,7,10 fi 11,2011 kennameen barattoonni 322,717 galmaa’anii, barattoonni 319,264 qormaatamaniiru.

Waggichatti barattoota qormaata fudhatan keessaa qabxii olaanaa ta’ee kan galmaa’e 645 yoo ta’u, barattoonni 59 dhibba 6 ol galmeessisaniiru.

Barattoota qormaataman keessaa barattoonni %48.59 ta’an qabxii 350 ol galmeessisaniiru.

Barattoonni barana kan duriirra bifa adda ta’een; kan filatan saayinsii hawaasummaa fi saayinsii uumamaa kan jedhu qofa ta’a.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Comments
Loading...