Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin Bunaa Finfinneetti ijaarramuufi

0 125
Finfinnee, Hagayya 7,2011 (FBC) – Paarkiin Bunaa Finfinneetti ijaarramuufi.
 
Paarkichi buna Ityoophiyaa addunyaadhaf beeksisuuf faayidaa olaanaa qabaata jedhameera.
 
Abbaa Taayitaa Misoomaa fi Galteewwan Bunaa fi Shayii Ityoophiyaatti daayreektarri odeeffannoo fi to’annoo gabaa obbo Hayruu Nuuruun Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, paarkiin bunichaa qindoomina Ityoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaatin ijaarrama.
 
Paarkiin Bunaa kun lafa heektaara 30 irratti magaalaa Finfinneetti Doolaara Ameerikaa miiliyoona 50 ijaarrama.
 
Ijaarsisaas godahambaa adeemsa qophii bunaa, oomishaa amma gabaatti jiru kan muul’isu ta’a.
 
Paarkichaan wiirtuu gabaa bunaa, gabaa Landanii fi Ameerikaatin walmadaalu banuun ka’umsa gabaa bunaa Afrikaa akka ta’u karoorfameera.
 
Ijaarsi paarkichaa waggaa 3 keessatti xumuramuun hojii ni eegala jedhameera.
 
 
Sablawarq Eeliyaastu gabaase.
Comments
Loading...