Fana: At a Speed of Life!

Inistiitiyuutonni qorannoowwan gaggeessuun indaastirii deeggaruu qabu jedhame

0 157
Finfinnee, Hagayya 7,2011 (FBC) – Inistiitiyuutonni qorannoowwan rakkoo hiikan gaggeessuun indaastirii oomishaa deeggaruu akka qaban Ministeerri Daldaalaa fi Indaastirii beeksise.
 
Ministeerichi dhaabbilee waamamni isaanii isaaf ta’e 15 waliin raawwii karoora bara baajataa 2011 magaalaa Bishooftuutti gamaaggamaa jira.
 
Ministirri ministeerichaa aadde Fatlawarq G/igzi’aabheer akka jedhanitti, inistiitiyuutonni qorannoowwan bu’a qabeeyyii gaggeessudhaan indaastirii oomishaa deeggaruu qabu.
 
Kaayyoon inistiitiyuutonni hundaa’aniif qorannoowwan gaggeessuun, bu’a qabeessummaa indaastirii guddisuudha jedhaniiru.
Comments
Loading...