Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin biiznasii Iityoo-Hind gaggeeffame

0 92
Finfinnee, Hagayya 7,2011 (FBC) – Fooramiin biiznasii Iityoo-Hind gaggeeffame.
 
Fooramichi waltajjii dhaabbilee Ityoophiyaa fi Hind mariidhaf kan walqunnamsiisudha.
 
Fooramichi kaleessa magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffame yammuu ta’u, dhaabbileen biyyoota lamaanii 40 ta’an waltajjicharratti hirmaataniiru.
 
Invastimantii kallattii alaa hawwachuu fi hidhata biiznasii cimsuurratti kan xiyyeeffatedha.
 
Ministeera Dhimma Alaa FDRItti waamamaan dhaabbii dhimma diippiloomaasii diinagdee Ambaasaaddar Dawwaanoo Kadir hariiroo biyyoota lamaanii barootaf ture, diinagdeedhan caalmaan cimsuun murteessaa ta’uu fooramichaan kaasaniiru.
 
Barreessaa olaanaan Mana Maree Daldalaa fi Indaastirii Hind-Afrikaa Sunaandaa Raajandiraan Ityoophiyaan invastimantii hawwachuuf fooyyessi taasisaa jirtu jajjabeessaa ta’uu kaasanii, biyyi isaanii innooveeshinii, oomisha huccuu, qindeessa nyaataa fi aannanii akkasumas damee infoormeeshiniirratti bobba’uu akka barbaaddu ibsaniiru.
Comments
Loading...