Fana: At a Speed of Life!

Dawaan vaayrasi Iboolaa %90 fayyisuu danda’u qorannoon argame

0 65

Finfinnee, Hagayya 7,2011 (FBC) – Diimookiraatiik Rippabiliik Koongootti dhibee Iboolaarratti yaalii kan ta’an dawaa gosa afuur keessa lama firii gaarii agarmuun ibsameera.

Akka saayinsitoonni jedhanitti dawaan kunneen firii gaarii erga argarsiisanii bodaa tatta’imsa vaayiraasichaa to’achuu fi yaaluun akka danda’amu ibsaniiru.

Ministeerri Fayyaa biyyaatti akka ibsanitti dawaa haaraan argamaan kunneen nannoowwaan dhibee Iboolaa faca’e jirutti hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Qorannicha kan deeggaraan Inistitiyuutiin Dhibeewwaan Daddarboo fi Alarjii Ameerikaa firiin argame Iboolaa balleessuf oduu gaaridha jechuun ibseera.

Diimookiraatiik Rippabiliik Koongootti dhibichi erga ka’ee as lubbuu namoota kuma 1 fi 800 ol galaafateera.

Maddi: BBC

Comments
Loading...