Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan dhimma Hoong Koong keessa akka hin seenne Chaayinaan waamicha dhiyeessite

0 240

Finfinnee, Hagayya 7,2011 (FBC) – Chaayinaan Ameerikaan dhimma Hoong Koong keessa akka hin seenne waamicha dhiyeessite.

Hoong Koong dambii namoota yakkaan shakkamaan Chaayinaaf dabarsitee akka kennitu taasisu mormuun namoonni mormii eegalan har’as manatti hin deebine.

Hoogganaan Hoong Koong Kaar Laam dambiin yakkamtoota mootummaa giddu galeessaa; Chaayinaaf dabarsanii kennuu dandeessisu akka qophaa’u yaada dhiyaate mormaniiru.

Garuu mormiin ummata cimuun gara gaaffii demookiraasii gaafachuutti ce’eera.

Oduu himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Huu’aa Chuun Yiing dhimmicha ilaalchisuun ibsa laataniin mormii ummataa Hoong Koong babballachaa dhufe Ameerikaan itti gaafatamuu qabdi jedhan.

Huu’aa Chuun Ameerikaan lammiilee gurraachaa fi adii bulchiinsa keessa jiraatan jidduutti  garaa garummaa uumuuf sochii ishiin taasisaa jirtu balaaleefataniiru.

Gochi kun immoo Hoong Koong keessatti nageenyi akka hin uummamne taasiseera jedhan.

Kana waan ta’eef Ameerikaan dhimma Hoong Koong keessa giddu seenumma hin barbaachifne hojjechaa jirtu kana saffisaan dhaabu qabdi jedhaniiru.

Hoong Koong bittaa Briitaaniyaa jala kan turte yoo ta’u, bara Faranjootaa 1997 irraa eegalee bulchiinsa  Chaayinaa jala galuun ishee ni yaadatama.

Maddi : Zhiinwaa

Comments
Loading...