Fana: At a Speed of Life!

Bishooftuutti namootni jeessoo biddeena fakkeessuun gurguraa turan to’ataman

0 294

Finfinnee, Hagayya 7,2011 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Bishooftuutti namootni jeessoo biddeena fakkeessuun gurguraa turan eeruu ummataatin to’ataman.

Bishooftuu ganda Qurquraa fi Danbiitti shakkamtoonni mana dhuunfaa mooraa guutuu waliin kireeffcahuun guyyaatti biddeena 600 tolchuun ummataaf dhiyeessaa turan too’atamaniiru.

Abbaan qabeenyaa biddeenatti wantoota garagaraa itti makuun suuqii fi hoteelootaaf dhiyeessaa ture yeroof miliqus, eeruu ummataatin namootni mindeeffamanii hojjechaa turan 4 har’a to’atamniiru.

Raggaasaa Firoomsaan Waajjira Dhimmoota Koominikeeshinii magaalichaarraa akka odeeffatetti biddeenni makaa jeessoo tolfamee gabaadhaf dhiyaachaa kan ture waaree booda sa’aa 10 kaasee amma halkan sa’aa 6tti.

Comments
Loading...