Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Geejibaa Finfinnee rakkoo geejibaa ganamaa fi galgala muul’atu furuuf hojjechaa jiraachuu beeksise

0 103
Finfinnee, Hagayya 7,2011 (FBC) – Biiroon Geejibaa Finfinnee rakkoo geejibaa ganamaa fi galgala muul’atu furuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.
 
Itti aanaan itti gaafatamaa biirichaa obbo Joonii Tarrafaan akka ibsanitti, qorannoon rakkinicha furuu dandeessisu gaggeeffameera.
 
Haaluma kanaan sadarkaa yaaliitti taarifa sararoota geejibaa 2; Piyaassaa – Addisuu Gabaa fi Ambaasaaddar – Araat Kiiloo Hoteela Tuuriist %50 dabaluun jalqabsiisuu ibsaniiru.
 
Daballiin gatii geejibaa kunis rakkoo geejibaa ganamaa fi galgala muul’atu hiikuu dandeessisa jedhaniiru.
 
Daballichi geejiba imala tokkotti nama dhabuun dhaabbatu sochoosuun, sarara imalaan baay’atutti konkolaattota bobbaasufi.
 
Siisaay Geetinnatitu gabaase.
Comments
Loading...