Fana: At a Speed of Life!

Ashandaa sababeeffachuun dorgommiin fiigicha dubartootaa kiilo meetira 5 gaggeeffamuufi

0 124
Finfinnee, Hagayya 7,2011 (FBC) – Ayyaana Ashandaa 2011 sababeeffachuudhan dorgommiin fiigicha dubartootaa jalqabaa kiilo meetira 5 magaalaa Maqaleetti gaggeeffamuufi.
 
Hundeessummaa Atleet G/igzi’aabheer G/maariyaamii fi haadha warraasaa Warqinash Kidaanetiin kan jalqabame Naatnaa Spoortis Iivants bara 2009 eegalee dorgommii daandirraa gaggeessaa jira.
 
Baranas dorgommii fiigicha daandirraa kiilo meetira 10 si’a 3ffaa, dorgommii daa’immanii 2ffaa magaalaa Maqaleetti gaggeessera.
 
Dorgommiin fiigicha dubartootaa kiilo meetira 5 ayyaana Ashandaa sababeeffachuun qophaa’us jala bultii ayyaanichaatti Dilbata dhuftu Hagayya 12,2011 magaalaa Maqaleetti gaggeeffama.
 
Atleet Warqinash Kidaaneen ibsa laatten, dorgommichi bakka buutota horachuuf ni gargaara jetteetti.
 
Dabalataan ispoortiin akka babal’atuu fi naannoon Tigraay toora jireenyaa atleetotaa ijaaruuf karoora qabate galmaan ga’uuf galii sassaabuuf oola.
Comments
Loading...