Fana: At a Speed of Life!

Lagni Rib guutee dhangala’uudhan miidhaa qaqqabsiisaa jira

0 229

Finfinnee, Hagayya 6,2011 (FBC) – Lagni Rib guutee dhangala’uudhan miidhaa qaqqabsiisaa jira.

Naannoo Amaaraa godina Goondar Kibbaa aanaa Liiboo Kamkamitti lagni Rib guutudhaan miidhaa qaqqabsiisera.

Aanichatti manneen gandoota 8 keessatti argaman 2,203, akkasumas aanaa Foogaraatti gandoota 10 keessatti manneen 2,400 guutumaa guututtii fi gariin bishaanin liqimfamaniiru.

Aanaalee lamaanitti oomisha ruuzii hanga %80 irratti miidhaa irraan ga’uu Maas Miidiyaan Naannoo Amaaraa gabaasera.

Comments
Loading...