Fana: At a Speed of Life!

Hinditti balaa lolaa fi sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 147 darbe

0 184

Finfinnee, Hagayya 6,2011 (FBC) – Hinditti rooba cimaan balaa lolaa fi lafti sigigaachuun lubbuun hanga ammaatti lubbuun namoota 147 darbuun himamaa jira.

Bulchiinsoota Kaaranaataakaa, Keeraallaa fi Maahaaraashitiraa balaa lolaa uummameen lammiileen kumaatamatti lakka’aman buqqa’aniiru.

Naannoo balaan kun uummameetti hojjettoonni yeroo balaa hojii lubbuu baraaruu hojjechaa jiru.

Bulchiinsoota kanneen akka  Asaam, Biihaar fi Gujiraat balaa lolaatiin bu’uraalee misooma irratti miidhaa cimaan ga’eera.

Balaa uummame kanaaniis tajaajjilli baabura adda citeera.

Hindii fi biyyootni naannichatti argaman hamma xumura ji’a Fulbaanaatti balaan lolaa kan amaleeffatamedha.

Maddi:- Aljaziiraa

 

 

Comments
Loading...