Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen wixinee labsii jireenya daandirraa dhoorku, kadhaa fi daldala qunnamtii saalaa daandirraa ittisuuf ba’erratti hawaasa waliin mari’ate

0 430

Finfinnee, Hagayya 6,2011 (FBC) -Bulchiinsi magaalaa Finfinnee wixinee labsii jireenya daandirraa dhoorku, kadhaa fi daldala qunnamtii saalaa daandirraa ittisuuf ba’erratti hawaasa waliin mari’ate.

Qorannoowwan qaama mootummaa fi mitimootummaatin gaggeeffaman akka muul’isanitti, jireenya daandirraa, kadhaa fi daldala qunnamtii saalaa daandirratti lammiileen kuma 50 amma kuma 100 ta’an bobba’aniiru.

Kunis guutuu biyyattiirratti lakkoofsa lammiilee gochaa walfakkaataarratti bobba’an %70 kan uwwisudha.

Kanneen keessaa %92 naannolee biyyattiirraa gara magaalaa Finfinnee kan dhufan yammuu ta’u, hedduun isaanii umrii dargaggummaarratti kan argamanidha.

Wixineen labsii qophaa’es rakkinicha waaraan ittisuu fi jireenya lammiilee kanneenii dhaabuuf kan akeekedha.

Comments
Loading...