Fana: At a Speed of Life!

Daandichi dhuma baatii kanaatti Moozaambiik, Beeyiraatti tajaajila balalii eegaluufi

0 198
Finfinnee, Hagayya 6,2011 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa dhuma baatii kanaatti Moozaambiik magaalaa Beeyiraatti tajaajila balalii eegaluufi.
 
Tajaajilichis torbeetti si’a 3; Kibxata, Kamisaa fi Sanbata kan laatamudha jedheera daandichi ibsa baasen.
 
Magaalaan Beeyraa jiddugala Moozaambiikitti kan argamtu yoo taatu, naannoo jiddugaleessa Afrikaatti wiirtuu daldalaa fi hawwata tuuriizimii ta’uudhan beekamtuudha.
 
Hoji raawwachiisaan daandichaa obbo Tawaldaa G/maariyaam akka jedhanitti daandichi addunyaa walqunnamsiisuun ga’eesaa ba’achaa jira.
 
Hojichis aardii 5 irratti Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa qaqqabama idil addunyaa 120 akka qabaatu isa taasiseera.
 
Tajaajilli balalii Beeyraa Moozaambiikitti Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Moozaambiik qaqqabama 8 akka qabaatu isa taasisa.
 
Kunis Maappuutoo, Naampuulaa, Teetee, Peembaa, Beeyraa, Naakaalaa, Kuweelimaan, Vilaankuloosii fi Chiimooyoo kan hammatudha.
 
Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa qaqqabama balalii saddeettan biyya keessaa Moozaambiik irraa ga’ee abbaa qabeenyummaa %99 qaba.
Comments
Loading...