Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan meeshaawwan waraanaa dabalataan gara Sooriyaatti ergite

0 249

Finfinnee, Hagayya 6,2011 (FBC) – Ameerikaan meeshaawwan waraanaa dabalaatan gara Sooriyaatti erguun ishii ibsameera.

Waashiingtaan jimaata darbe meeshaawwaan waraanaa konkolaattota 70 ta’aniin fe’amanii gara Sooriyaa erguushee bakka bu’an oduu Anaadool gabaaseera.

Meshaawwaan waraana gara Sooriyaa galan daanga Iiraan fi Sooriyaa wal daangeessan Seemeelik jedhamuun yamamu yoo ta’u, ga’umsa isaani galaana Eefiraaxiis kutaa Baha godhachuun ibsameera.

Meeshaawwan waraanaa bakkichatti ergamaan keessa konkolaattota waraanaa ammayaa sibiila uffatan garaa garaa, taankeroota gaazii deddeebisanii fi meeshaaleen ijaarsa itti dabalamuu beekkameera.

Ankaaraa fi Waashigtaan yeroo dhiyootti nageenya Sooriyaa waliin to’achuuf giddugala hundeessuun waliigalteera ga’uun isaanii ni yaaddatama.

Giddugalli to’annoo kun naannichaatti nageenya buusu irra darbee, lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an gara qe’ee isaanitti deebiisu kan dandeessisudha jedhame.

Kanarra darbuun, badii  garee shoroorkeesitoota naannicha socho’aan geessisan ittisuuf kan gargaaru ta’u himameera.

 

Comments
Loading...