Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Taakkalaa Uuman Labuu Vaarneeroo bakka tibbana masjiidni diigametti abbootii amantaa mariisisan

0 256

Finfinnee, Hagayya 4,2011 (FBC) – Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman Labuu Vaarneeroo bakka tibbana masjiidni diigametti argamuun abbootii amantaa mariisisan.

Injiinar Taakkalaan kutaa bulchiinsa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti masjiida Aliif beekamtii bulchiinsa magaalichaatin ala diigame daawwataniiru.

Namoonni muraasni shira xaxanii hawaasa Muusliimatiin walitti nu buusuuf yaalanis, nuti garuu rakkoolee mudatan karaa fooyya’aa ta’een irra dabarra jedhaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa rakkoolee bakkeewwan amantaa hiikuuf, manneen amantaa hunda waliin qindoominaan ni hojjeta jedhan.

Qaamoleen masjiidicha diigan kan itti gaafataman ta’uu kan ibsan itti aanaan kantiibichaa, masjiida diigame bifa gaaridhaan ijaaruuf lafti kaaree meetirri kumni 4 Masjiida Finfinneef dabarfamuu ibsaniiru.

Comments
Loading...