Fana: At a Speed of Life!

Sirni Hajjii fi Umraa Saawdii Arabiyaatti gaggeeffamuu eegale

0 410

Finfinnee, Hagayya 3,2011 (FBC) – Sirni Hajjii fi Umraa Saawdii Arabiyaatti gaggeeffamuu eegale.

Sirnicharratti hawaasni Muusliimaa miiliyoonni 2.5 ol magaalaa Makkaattii walga’aan eegama.

Hawaasni Muusliimaa yeroo jireenyasaatti si’a 1 garas akka imalutu ibsama.

Magaalaa qulqulluu Makkaattis sirni amantaa guyyoota 5 ni gaggeeffama.

Odu himaan humna nageenyaa biyyattii caasaan nageenyaa nageenya sirnichaa mirkaneessuuf garas imaluu ibsaniiru.

Imaltoonni Hajjii fi Umraa miiliyoonni 1.8 humna namaatin ala intarneetidhaan deeggaramuun viizaa kan argatan ta’uu ministirri Hajjii Saawdii Arabiyaa Haatiim Biin Hasan Qaadiin himaniiru.

Maddi, AFP

Comments
Loading...