Fana: At a Speed of Life!

Paarkonni indaastirii Ityoophiyaatti ijaarraman bara baajataa 2011tti oomisha Doolaaramiil. dhibba 1ol gabaa alaatif dhiyeessaniiru

0 170

Finfinnee, Hagayya 3,2011 (FBC) – Paarkonni indaastirii Ityoophiyaatti ijaarraman bara baajataa 2011tti oomisha Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 10 gabaa alaatif dhiyeessaniiru.

Raawwii hojii paarkota indaastiriirratti mariin qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira.

Marichaanis paarkonni indaastirii hojiitti seenan 5 bara baajataa 2011tti oomisha Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 10 gabaa alaatif dhiyeessun ibsameera.

Lammiilee kuma 50 ta’aniif carraa hojii uumuunis eerameera.

Oomishti gara alaatti ergame kan bara baajataa 2010rra %35 guddina agarsiisun ibsameera.

Yaata’uutii rakkoo nageenyaa naannolee tokko tokkotti turerraa kan ka’e amma irraa eegamu gabaadhaf dhiyeessuurratti gufuun akka ture eerera.

Bara baajatichaatti paarkonni indaastirii 3 ebbifamanii hojiitti kan galan yammuu ta’u, bara itti aanu 4 ijaaruf karoorri qabameera.

Hoji raawwachiistuu olaantun Koorporeeshinii Misooma Paarkota Indaastirii aadde Lalisee Nameen waltajjii waaree boodatiin ibsa ni laatun eegamu.

Faasikaaw Taaddasaatu gabaase.

Comments
Loading...