Fana: At a Speed of Life!

Namoonni yaada qajeelaa qaban hirriba gaarii rafuuf muuxannoo qabu

0 193

 

Finfinnee, Hagayya 3,2011 (FBC) – Qorannoon tokko akka ifoomsetti namoonni yaada qajeelaa qaban hirriba gaarii rafuuf muuxannoo qabu jedha.

Qorattoonni Yuunvaarsiiti Eliinooy qoranno taasisan akka mul’isutti, namoonni yaada qajeelaa qabaan hirriba nagaa qabeessa ta’e sa’aati dheeraaf ni rafu.

Qorannichi kan gaggeeffame namoota kuma 35 fi dhibba 5 ummuriin isaani 32-51kan ta’anirratti ta’u gabaafameera.

Namoota qorannoon kun irratti adeemsifame keessa namoonni ilaalcha gaarii qaban %78 ol warreen yaada qajeelaa kan hin tarkaanfachisne caalaa hirriba gaarii sa’aati dheeraaf rafuu danda’u.

Maddi:- Zhiinwaa

Comments
Loading...