Fana: At a Speed of Life!

Jiraataan Merry Land tokko waan abjuu isaatiin ajajame raawwachuun doolaara Ameerikaa kuma 15 argate

0 182

Finfinnee, Hagayya 3,2011 (FBC) – Jiraataan Merry Land tokko waan abjuu isaatiin ajajame raawwachuu isaatiin doolaara Ameerikaa kuma 15 argateera.

Jiraataan kun Dargaggeessa Umurii 25 ti. Gaaf tokko abjuu isaatti lakkoofsoota 10, 11 fi 12 tartiibaan ilaala.

Ganama yeroo hirriiba irraa ka’us lakkoofsoota walitti aananii abjuutti itti dhufan kanneen galmeessuun guyyaa carraa lootarii lakkoofsoota kanneen qabu biteera.

Kana booda wayita carraan lootarii bahu, doolaarri Ameerikaa kuma 15 isa qaqqabuu dandaéera.

Namni kun “abjuu kootiin gaafgaafii namni lakkoofsoota garaagaraa naaf kenna gaafgaafiimmoo ofumaan abjuukootti lakkoofsoota ilaalaa” jechuudhaan dubbateera.

Maallaqa carraa lootariidhaan rgate kanas irra jireessaan baankitti qusachuuf karoorfachuu isaa dubbateera.

Madda:-  UPI

Buzaaleem Beenyaatiin

Comments
Loading...