Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan eeyyama maashinoota jajjaboo kireessuu yeroo jalqabaatif dhaabbilee biyyoota alaatif laatte

0 191

Finfinnee,Hagayya 2,2011(FBC) – Ityoophiyaan eeyyama maashinoota jajjaboo kireessuu yeroo jalqabaatif dhaabbilee biyyoota alaatif laatte.

Baankiin Biyyoolessaa Ityoophiyaa gabaa biyyattiitti akka bobba’uuf eeyyama damichaa kan laate dhaabbata Iityoo-Liiz jedhamuufi.

Eeyyamichis dhaabbatichi tiraaktaroota, maashinoota qonna boolla bishaan gadi fagoo qotanii fi maashinoota qorannoo yaalaa MRI(MRI scanners) akka kireessu isa gargaara.

Iityoo-Liiz dhaabbata teessoosaa Ameerikaa Niiwyoork taasifatedha.

Dhaabbatichi hojii yammuu eegalu meesaalee Doolaara miiliyoona 600 gara biyyaa galchuuf karoora qaba.

Hoji gaggeessaa olaanaan Daandii Qilleensa Ityoophiyaa duraanii obbo Girmaa Waaqee fi itti gaafatamaan Baankii Misooma Afrikaa damee baha Afrikaa Gaabreel Nigaatuun miseensota boordii dhaabbatichaa 7 keessatti hammatamaniiru.

Comments
Loading...