Fana: At a Speed of Life!

Huwaaween bilbila sochootu interneti 5G hojjetu jalqabaaf ifa taasise

0 149

Finfinnee, Hagayya 3,2011 (FBC) – Dhaabbanni guddaan Chaayinaa Teelekoom Huwaaween dhaabbatichaaf isa jalqabaa fi bilbila sochootu (moobayila) interneeti dhaloota shanaffa (5G) hojjetu ifoomseera.

Bilbilli sochootun tajaajila internet 5G itti hidhame kun, moggaasa Huwaawee meet 20 eeksi jedhu kennameerafi.

Bilbilichi tajaajila internet saffisa qabu argachu cinaatti, teeknooloojiwwaan gara garaa itti hidhamaniiru.

Dhaabbatichi oomisha isa gabaaf ifoomsun walqabatee ajajoota heddu fudhacha kan jiru ta’u beeksiseera.

Gatiin gurgurtaa bilbilichaa yuwaani kuma 6 fi 119 yookiin doolara Ameerika 898 kan citeef yoo ta’u, Hagayya 16,2011 eegale gabaatti ni dhiyaata jedhameera.

Maddi:- Zhiinwaa

 

Comments
Loading...