Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Dhaabbilee Teeknooloojii waliin mari’achufi

0 112

Finfinnee, Hagayya2,2011 (FBC) – Ameerikaan miidiyaalee hawaasaa finxaalessummaa ilaalchisuun dhaabbilee Teeknooloojii fi Interneeti waliin mari’achufi jetti.

Masaraaan Mootummaa Adii biyyichatti basaastummaa fiixeerra kan ga’ee fi yaaddesssa ta’aa kan dhufe finxaalessummaan ilaalchisuun guyyaa boruu waltajjii marii qopheessufi jedha.

Oduun kun kan dhaga’ame, biyyichatti sa’aatii 24 keessatti balaa shororkeesummaan bakka lamatti geessiseen namoonni gara 30 ta’an erga du’anii booda jedhameera.

Namtichi Waalmert El Paasootti namoota 22 ajjeese miidiyaa hawaasarratti ergaa jechoota kuma 2 fi dhibba 3 qabu gadi dhiise akka turetu himama.

Pireezidaant Traamp waltajjii kana irratti akka argaman beekkameera.

Maddi :- CNET

Comments
Loading...