Fana: At a Speed of Life!

Faaya aadaa lubbuu haadholii fi daa’immanii oolchaa jiru

0 76

Finfinnee, Adoolessa 29,2011 (FBC) -Faaya aadaa lubbuu haadholii fi daa’immanii oolchaa jiru

Gammoojjii baadiyyaa Booranaa gama Keenyaa jiru keessatti haadholiin garaatti baatan hedduun gargaarsa ogeeyyii fayyaa argachuuf fageenya dheeraa imalu.

Dahaabuu Adii Gooddoo aantummaa aadaatiin haadholii garaatti baatanii horii horsiifatan waliin karaa dheeraa qaxxaamuraa oolan gargaarti.

“Ani dhi’eenyuma kana si’a lama ulfi anarraa baheera. Kanaaf, akka haadha tokkootti ji’a sagalii ol garaatti baatanii dhala dhabuun hangam akka nama dhukkubsu nan beeka,” jetti.

Aadde Dahaabuun hawwaasa Booranaa Kaaba Keeniyaatti argaman jiruun isaanii yeroo baayyee horsiisuu ta’e kanaaf fala jireenya haadholii garaatti baatanii yaadde.

Kaawuntiin Marsabit kaawuntiiwwan Keenyaa 47 keessaa – bakka haawwaniifi daa’imman lubbuu itti dhaban jedhaman shanan keessaa isa tokko.

Dubartoonni garaatti baatan fayyaa ofii isaaniifi daa’ima isaanii garaatti baataniif jecha yeroo yeroon dhaabbata fayyaatti deddeebiyanii ilaalamuun xiyyeeffannoo angafaadha.

Haata’u malee, maatii horsiise bultootaaf haalli kun yeroo hedduu haala mijataa ittiin wallaansa argatan hin qaban.

Aadde Dahaabuun ogeettii laaboratoorii Hospitaala Moyyalee, Keenyaadha. Hospitaaluma kana keessa osoo hojjettuu, Aadde Dahaabuun mala ittiin dubartoota garaatti baatan bakka isaan deeman maratti hordofuun danda’mu yaadde.

Meeshaa bakka/fulaa namni tokko jiru agarsiisu (GPS) fayyadamuun bakka dubartoonni horsiise bulaan garaatti baatan jiran hordofuudhaaf karoora baafatte.

Malli Aadde Dahaabuu kun dubartoota garaatti baatan Moyyalee, Keenyaa bakka fageenyarra jiran qofaa hordofuuf osoo hin taane, daa’imman isaaniillee nagaa ta’uu isaaniin duukaa buuti.

Hawaasni Booranaa yeroo baayyee horii horsiisan waliin waan bakka tokko bakka biraatti deemaa oolaniif, malli GPS kun ammoo gareen ogeessota fayyaa dubartoota garaatti baataniifi daa’imman isaanii bakkuma jiranitti akka deemanii daawwataniif dandeessisa.

Aadde Dahaabuun GPS kana fayyadamnee deessuun tokko eessa akka jirtu arginee bakka isheen jirtutti ni qaqqabna jetti.

.Pirojektii kanaan Aadde Dahaabuun gandoota 10 Moyyalee keessa jiran akka waliin ga’anis ni dubbatti.

“Gandoota kana keessatti lakkoofsi dubartoota ulfaa meeqa akka ta’e ni beekna.”

adde Dahaabuun akka jettutti, GPS ittiin hordofan kana dubartoota irratti hidhu. Meeshaan kun ammoo eessa akka isaan jiran baruuf nu gargaara jetti.

Bakka isaan jiran yeroo arginu ammoo achi deemuun tajaajila wallaansa fayyaa barbaachisu isaniif kennuuf.

Nutis akka arginetti dunkaana yeroo muraasa keessatti diriirsanii akka waajjiraatti itti fayyadamuu danda’an wiirtuu tokkootti dhaabuun, tajaajiloota kanneen akka laaboraatorii, lilmee waraanuu, qoricha barbaachisu kennuu fi gorsa kennuu taasisu.

Kanas wayita tolchan garee ogeeyyii fayyaa afur tahanii imalu. Kaan dhiiga qorata, kaan ni galmeessa, inni kaan ammoo lilmee waraana.

Erga yaadni GPS kun nuuf dhufee booda dubartootaaf kennuu yeroo deemnu nu didan jetti ogeettiin kun.

“Wanti warri didaniif, warri kun warra aadaa beekan. Waan aadaa keessa hinjirre sirraa fudhachuu hin danda’an”.

Wayita hawaasni teknooloojii kana fudhachuu didan, waan biraan akka isaan ittiin fudhachuu danda’an karoorsite.

Innis GPS kana faaya aadaa harkatti kaa’amuun midhaassuu – ambaarii aadaa imuu/calleerraa midhaassan.

”Wanni kun waanum aadaa keenya keessa jirudha. Ijoolleen dubraa in keeyyatti. Haawwan keenyas in keeyyatan. Warris danda’anii nurraa fudhatan,” jetti Dahaabuun.

Piroojektiin kun kan hojii eegale qarqaarsa dhaabbilee Africa Academy of Science ka jedhamuun ALA jalqaba bara 2018’tti ya jalqabate.

Erga hojiin jalqabee dubartoota 268’f qarqaarsa taasisuu isaaniis Dahaabuun nutti himteetti.

Baadiyyaa Dahaabuun fa’i ittin hojjetan kanneen akka Eel Raayyaa fa’itti duuti haadholii fi daa’immanii hir’achuusaa Dahaabuun ni dubbatti.

Haawwan isheen qarqaarte amma irra deebiin wayita argitu, isheef gammachuu guddoo akka dubbatti Dahaabuun.

”Haati tokko guyyaa tokko manatti deettee, guddoo dhiigi irraa yaa’e. Achiis namoonni ollaa jiran simuu nu dhawanii (nu bilbilanii) yaanee dhaqqabnee, hospitaalatti geessine,”

Achiis haati tun nagayumaan sablatte. Waan duutu waan itti fakkaateef guddoo akka gammaddes nutti himte.

”Haati yeroo qaraaf ilmee ilaateetin jettee, gammachuu guddoodha,” kunis isheef gammachuu guddoo akka tahe dubbatti.

maddi BBC

Comments
Loading...