Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukiin akkawuntiiwwan 350 Saawud Arabiyaan hidhata qaban eenyumma sobaatti fayyadamaan cufe

0 197

Finfinnee, Adoolessa 26,2011 (FBC) – Feesbuukiin namoonni qondaaltonni Saawud Arabiyaatti hidhata qaban eenyummaa sobaatti fayyadamuun holola gaggeessaa jiraachu bira gaheera jedhe.

Qabiyyeen holola isaanis kan biyyoota jiddugala Bahaa fi Kaaba Afriikaa yoo ta’u barreeffamicha afaan Araabaatii ta’u ibseera.

Kanaafis akkawuntiiwwan fi fuulli 350 ol dhimma kanaan walqachuun haqameera.

Dhaabbanni midiyaa hawaasa guddichi kun akkawuntiin sobaa akka motummaa waliin hidhata qaban ifatti wayita qeequ baayyee kan barame hin turre.

Haa ta’u malee Saawudi Arabiyaan hanga ammaatti dhimmicharratti kan jette hiqabdu.

Kaampaanichi torban kana keessa tarkaanfii fudhateen gochawwan holola walfakkaataa karaa feesbuukii fi karaa Inistaagiraami kan isaa ta’eetiin deddibi’u hambisuuf ta’u ibse.

Akkawuntiin fi fuulli banaman kunnis kan lammii biyyoota kanneenii fakkeeffamanii kan saaqaman ykn midiyaalee naannoo sanaa fakkeeffamani kan banaman turan jedheera.

Kaampanichis odeeffannoo sirrii hin taane waan midiyaa isaarratti tamsa’aniif qeequumsii dabalaa jira jedheera.

Kana malees akkaawuuntiiwwan gara biraa kan biyoota UAE fi Masirii keessatti saaqamanis cufu himeera.

Maddi:- BBC

 

Comments
Loading...