Fana: At a Speed of Life!

Misooma Magariisa Ityoophiyaattiif deeggarsi Yuuroo miiliyoona 36 waliigalteen mallattaa’e

0 319

Finfinnee, Adoolessa 15,2011 (FBC) – Koomishiinara Deeggarsa Misoomaa Idil addunyaa Gamataa Awurooppaa Neevan Miimikaa deeggarsa Misooma Magariisa Ityoophiyaattiif Yuuroo miiliyoona 36 waliigalteen mallattaa’e.

Waliigalticha kan mallatteessaan Ministeera Maallaqaa FDRI obbo Ahimad Shiidee fi Koomishiinara Deeggarsa Misoomaa Idil addunyaa Gamataa Awurooppaa Neevan Miimikaadha.

Waliigalticha keessaa Yuuroon miiliyoona 33 Ityoophiyaatti happachuu bosonaa fi industiriiwwaan gaazii gubataa gara qilleensatti gadi dhiisaan hir’isuuf tajaajjila ooludha.

Kan hafee ammaa haala waliigaltee Paarisiin odeeffannoo walitti qabuuf, jabeessu fi hordofuuf kan oolu ta’a jedhameera.

Itiyoophiyaa keessatti haphachuu bosonaan qilleensi faalamaan gadhiifamu dhibbeentaa 37 yoo ta’u, indaastiriinis gahee mataa isa qaba.

Gamtaan Awurooppaas hojii biyyattiin bulchiinsa bosonaarratti hojjetaa jirtu cimsuuf deeggarsa kana kennuun himaameera.

Hojii biyyaattiin annisaa haaromaniirratti hojjetuus kan deeggaran ta’uun himame.

Warshaalee Simintoo fi fayyadama boba’aa uumamaaf furmaatni waaran yoo hin keennamne hanga ALA bara 2030 ti hangi qilleensa faalamaa gadhiisu isaanii dhibbeentaa 18 ga’uu akka danda’u raggaan Gamtaa Awurooppaarra arganne ni agarsiis

Comments
Loading...