Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Maallaqaa Keeniyaa yakka malaammaltummaan shakkamuun to’annaa poolisii jala oolan

0 191

Finfinnee, Adoolessa 15,2011 (FBC) – Ministirri Maallaqaa Keeniyaa Henerii Rootiich yakka malaammaltummaan shakkamuun to’annaa poolisii jala oolanii jir.

Ministeerichi karaa seeraan ala ta’een hidhaa bishaan irratti ijaraman lama kontoraata baasii Dolaara Miliyoona 450 ta’u kampaanii ijaarsaa Xaaliyaan CMC de Ravenna jedhamuuf kennuun shakkamaniiti.

Ji’a Bitootessaa darbe keessa Obbo Henerii Rootich himannaa isaanirratti dhiyaate kana dhara jechuun waakkatanii turan.

Kampaniin sunis yakka ittiin himataman kana waakkatee ture.

Daarektarri abbaa alangaa Noordin Hajii adeemsi pirojektoonni hidhaa kunneen ittiin jalqabman dhaabbata ijaaru ittiin qacaraniifi adeemsi ittiin kaffaltaan raawwatamaa ture seeraan ala jedhan.

Abbaan alanaa kun Daayrektera CMC de Ravenna dabalatee aanga’oota biroo 20 yakka kana keessatti hirmaatan jechuun himate akka to’ataman ajajeera.

Maddi:- BBC

Comments
Loading...