Fana: At a Speed of Life!

Isiraa’el manneen jireenyaa warra Paalastaayin seeraan ala ijaaraman jette diiguu eegalte

0 139

Finfinnee, Adoolessa 15, 2011 (FBC) – Isiraa’el manneen jireenyaa warra Paalastaayin seeraan ala ijaaraman jette diiguu eegalte.

Gamoowwan kunneen Weest Baank keessatti seeraan ala dallaa Israa’elii fi Paalastaayin adda qoodutti maxxanfamee ijaarame jettee diigde.

Buldoozaroonni loltootaa fi poolisootaan dabaalamuun gamoowwan namootni 17 ta’an keessa akka jiraatan himame kana diiganiiru.

Jiraattonni garuu mana kana akka ijaarratan aanga’oota Paalastaayin irraa hayyama argannee turre jedhu.

Manni murtii Olaanaa Israa’elis ijaarsi manneen kanaa seeraan ala jechuun murteessee jira.

Manneen kana diiguun keessattuu kan dubbii kaasisanidha.

Sababiin isaas qe’een ganda Wadi Hummus qarqara naannoo Sur Baher jiru – bulchiinsa daangaa Palastaayiin keessa kan qaama Weest Baank ta’ee garuu dallaa adda baasu ijaarameen garuu Israa’el keessatti argama.

Dallaan sun Weest Baankii keessaafi naannoo isheetti kan ijaarame yommuu ta’u kun kan ta’e bara mormii warra Palastaayin Israa’el irratti kaasan kan marsaa lamaffaa yeroo jalqabuuf jedhu ture.

Maddi:- BBC

Comments
Loading...