Fana: At a Speed of Life!

Indiyaa imala Addeessaa yeroo lammaffaa deebitee yaaluuf jetti

0 137

Finfinnee, Adoolessa 15,2011 (FBC) -Indiyaan sababa rakkoo teeknikaan haqame kan ture imala hawaa isa lammafaaashee deebitee yaaluufi.

Chandirayaan-2 har’a Wiixata akka biyyittiitti waaree booda sa’aatii 8:43tti akka lafarraa ka’u dhaabbanti hawaa Isro beeksiseera.

Dabalataanis rookkeetiin kun isa duriirra hedduu jabaatee, mul’ata biyya lammilee biiliyoonaa ol qabduu Addeessatti gessuuf qophaa’aadha jedha.

Imalli baajata doolara miiliyoona 150 kun gama Kibba Addeessaarra qubachuun isa jalqaba akka ta’u hawwii dhaabbata hawaa kanaati.

Akka Isro jedhutti imalli Adoolessa 15 taasifamuuf ture sababa rakkoo teeknikaa kutaa rookkeetii ol dhukaasuu kessatti argameef jecha ka’umsa karoorfame daqiiqa 56 dura haqame.

Isroon imalli kun lafarra harkifatus deggarsa jiruuf uummata galateeffateera.

Maddi: – BBC

Comments
Loading...