Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI manneen waliin jireenyaa 112 carraadhan dabarse

0 774

Finfinnee, Adoolessa 13,2011(FBC)- Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI manneen waliin jireenyaa magaalaa Finfinnee naannoo Sammiititti ijaarsise 112 miseensota raayyaa ittisa biyyaa fi hojjettootasaa siiviiliif carraadhan dabarse.

Carrichi kan ba’e miseensota raayyaa ittisa biyyaa, hojjettootasaa siiviilii, hojjettoota sooroma ba’anii fi jijjiirraan gara waajjiraalee birootti darban; kan %20 qusataniifi.

Maatii Eetaamaajoora Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI dhiyeenya wareegaman Jeneraal Sa’aaree Makoonniniifis manni kennameera.

Manneen 112 dabarfaman keessaa 27 abbaa ciisicha 4, 34 abbaa ciisicha 3, 19 abbaa ciisicha 2, 18 ammoo abbaa ciisicha tokkooti.

Sirna dabarsa manneeniirratti kan argaman Eetaamaajoorri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Adam Mahaammad mootummaan fayyadamtummaa qixaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Comments
Loading...